Fana: At a Speed of Life!

Lagni Awwaash guutuu hordofee naannoo Affaar Asaa’ittaatti balaan qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Lagni Awwaash guutuu hordofee naannoo Affaar Asaa’ittaatti balaan qaqqabeera.

Naannichatti lafa heektaara 350 irraa balaa akka qaqqabee Biiroon ittisa balaa fi wabii nyaataa naannichaa Faanaa Broodkaastiin Koorporeetiif ibseera.

Qindeessaan soda balaa hiri’suu obbo Huseen Xaahiir, naanniichatti lagni Awwaash guutuu hordofee abbootiin warraa 80 ta’aan qe’eesaaniirra buqqa’aniiru.

Miidhaa qaqqabee hordofee jiraattoonni naannichaa rakkoo keessaa jiraachuu FBCn turti naannichatti taasiseen taajjabeera.

Faanaa Broodkaasting Koorporeet naannichatti turtii taasiseen qonna boqoolloo, qamadii, jirbii fi kanneen biroorratti miidhaa qaqqabeera.

Ya’aa lagicha hordofee hojiiwwan ga’aa fi amansiisoon hojjetamuu akka qaban jiraattoonni naannichaa gaafataniiru.

Yeroo ammas jiraattoota miidhaan irraa ga’ee deeggarsa aarifachiisaa taasisuun yaalamaa jiraachuu Biiroon ittisa balaa fi wabii nyaataa naannichaa ibseera.

Awwal Abarraatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.