Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannoo Afaaritti ajjeechaa daa’immanirratti raawwatamaa jiru balaaleeffate

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa naannoo Afaaritti ajjeechaa gareen Shororkeessaa ABUT daa’immanirratti raawwatachaa jiru balaaleeffateera.

Garichi naannoo Afaar daa’immaan Qaalii Kumaa dabalatee lammiilee nagaa hedduurratti ajjeechaa raawwachuu Daayreektarri Dhimmoota Seeraa Ministeerichaa obbo Darajjee Tagyibaluu ibsaniiru.

Gareen ABUT daa’immaan wayita walitti bu’iinsaa eeggumsi addaa taasiifamuufi qabu ajjeesaa jiraachuu obbo Darajjeen dubbataniiru.

Gochaa kana hawaasni idil addunyaa balaaleeffachuu akka qabu gaafachuu isaanii DhPI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.