Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Innaat damee shaashamannee barattoota sagantaa digrii fi gulantaan barsiisaa ture 1800  eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 1, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Innaat Damee shaashamannee barattoota sagantaa digrii fi gulantaan barsiisaa ture 1800  eebbisisiieera.

Barattoonni eebbifaman gosa barnoota garagaraan sagantaa idilee, torbanii fi fagootiin hordofaa  turaniiru.

Abbaan Qabeenyaa fi preezdaantiin Koolleejjii Innaat obbo Zelaalam Gabree, hiyyuummaa seenaa taasisuuf dirqamni keenya barattoota leenjisuu Fi hojiitti bobbaasuun biyya akka tajaajilan gochuudha jedhaniiru.

Diiniin Koolleejjichaa obbo Siraaj Gammadaa, baruu fi barsiisuun cinatti, leenjii gaggabaaboo fi harka qalleeyyiif carraa tolaa mijeessuun ogummaa qaban guddifachuun akka ga’uumsa horatan taasifneerraa jedhan.

Kitaabni mata dureen isaa ‘Tsinaat’ jedhu kan abbaa qabeenya kolleejjii Innaat obbo Zelaalam Gabreetiin barreeffamees eebbifameera.

Dhumarratti keessummoonni, hooggantoonni koolleejjichaa fi eebbifamtoonni maatii isaanii waliin biqiltuu dhaabaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.