Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014 yaaliin sirna barnootaa haaraa ni eegalama jedhame

Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC) – Bara barnootaa 2014 manneen barnootaa filataman keessatti yaaliin sirna barnootaa haaraa hojiitti hiikuu kan eegalamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Ministeerichi sirna barnootichaa ilaalchisee haala naannoleen irra jiran gamaaggamaa jira jedhameera.

Bara barnootaa 2014 manneen barnootaa filataman keessatti yaaliin sirna barnootaa haaraa hojiitti hiikuu kan eegalamu ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa Dooktar Garramaw Hulluuqaa ibsaniiru.

Yaalichi kutaa1ffaa hanga kutaa 6ffaa aanaalee keessaa manneen barnoota lama lama filachuun kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Manneen barnootaa kutaa 7ffaa hanga kutaa 12ffaa jiran keessatti haala qabatamaa naannoleerratti hundaa’uun yaaliin guutuun taasiisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Sirnicha hojiitti galchuuf yeroo ammaa qophiin barbaachisu xummuramuu kaasaniiru.

Boqonnaa yaalii gaggeeffamuun keessaatti rakkoolee muudachuu danda’an adda baasuun yeroo itti aanu sirnicha guutummaatti hojiitti galchuuf kan hojjetamu ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.