Karaa adda ta’een uummata tajaajiluu qabna- Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa
Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)-Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa raawwii olaanaa galmeessiisuu ibsameera.
Itti aanaan daayrikteera olaanaa abbaa taaytichaa obbo Abarraa Abboosee, uummata tajaajiluuf karaa adda ta’e hojjechuu qabna jedhan.
Kana kan jedhan waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2013fi karoora hojii bara 2014 magaalaa Bishooftuu hoteela Baabboo Gaayyaatti gaggeeffamerrattidha.
Imaanaan uummataa nurra jiru guddaa waan ta’eef, gaaffii uummata keenyaa gama daandiitiin qabu furuu qabna jedhaniiru.
Hanqinoota irra deddeebinee hojjechuu osoo hin taanee,hanqinoota keenya akka hin deebinetti maksuu qabna jedhan.
Obbo Abarraan karooraa fi bajataa abbaa taayitichaa kan ta’an gama ijaarsa daandii fi riqaaleetiin hojii gaarii hojjetameera jedhan.
Daandii sadarkaa naannootti bara 2013tti kan karoorfame 17 keessaa 8 xuramuu erraaniiru.
Gama Riqaaleetiinimmoo 74 karoorfame keessaa 13 xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.
Akka waliigalaatti proojektoota daandii 173kmtu karoorfamee ture, garuu raawwiin isaa karooraa olidha innis 292km ta’u himaniiru.
Obbo Abarraan proojektoonni akka hin xumuramne kanneen taasisanirratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.
Bara dhufu bara 2014tti waliingahinsa daandii 2345kmtti ni guddifama jedhameera.
Rakkoolee mudatan keessaa inni ijoon qaala’insa gatii simmintoo,sharafa alas,hanqina maashinarootaa,mirga daandii kabachiisuu(ROW),hanqina bajataa,gabaarraa dhabamuu meeshaalee jijjiirraafaa kaasaniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.