Shaqaxaaleen bu’uuraa gatii madaalawaa baasii Birrii biiliyoona 4.2 akka dhiyaataan taasifame
Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Shaqaxaaleen bu’uura gatii madaalawaa baasii Birrii biiliyoona 4.2 akka dhiyaataan taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.
Ministeerichi daballii gatii furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran ilaalchisee akka ibseetti, Mootummaan deeggarsan kan dhiyeessuu shaqatoota bu’uuraa maddaa ofiisaa sharafaa biyya alaa ramaduu fi abbootii qabeenyaa sharafaa biyyaa alaa qaban taaksii fi gibiraarra bilisaa ta’ee akka gara biyyaa galuu taasifamuu ibsameera.
Kanaafis dhiyeessi Zaayta, qamadii, ruuzii, daakuu aanaan daa’immanii indaastirii biyya keessaa jiraaniin, qonnaan bultoota callaa oomishaan, waldaa gamtaa shamaxaalee fi yuuniyeenootaa qindeessuun naannoolee hundaatti kuntaala miiliyoona 14 bituun gatii madalawaan oomishasaanii akka dhiyeessan himameera.
Kunis Birriitti yeroo madalaamuu Birrii biiliyoona 4.2 ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.