Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni mata duree ‘dhiingikoo Ityoophiyaakoof’ jedhuun dhiiga arjooman

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)- Dargaggoonni iddoowwan garagaraatti argaman mata duree ‘dhiingikoo Ityoophiyaakoof’ jedhuun dhiiga arjoomaniiru.

Qindeessuummaa waajjira Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaatin gaggeeffamaa kan jiru arjoommiin dhiiga iddoowwan garagaraatti gaggeeffamaa jira.

Guyyaa har’as naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaafi Kambaataatti dargaggoonni dhiigasaanii raayyaa ittisa biyyaaf arjoomaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Araadaa akkasumas jiraattonni kutaa Bulchiinsa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aantummaa Raayyaan Ittisa Biyyaaf qaban mul’isuuf dhiiga arjoomaniiru.

Arjoommiin dhiigaa kunis kutaa biyyaa hundatti cimee akka itti fufuu ragaan waajjira paartii badhaadhinaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.