Loltummaan miira jaalala biyyaa isa guddaadhaa – Dooktar Abiy
Finfinnee, Adooleessa 19, 2013 (FBC) – Loltummaan miira jaalala biyyaa isa guddaa fi olaanaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dameewwan ogummaa hedduun kennaa fi fedhii barbaadu.
Loltummaan garuu miira jaalalaa biyyaa isaa olaanaadha jedhan.
Loltummaan akka ogummaa biroo beekkumsaa fi humna qofa osoo hin taane dhiigaa fi lafee wareeguuf qophii ta’uudha jedhan Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Alaabaan kan laliftu hunda caalaa afuura gootota waraanaa keessa burquun ta’uu ibsan.
Osoo hin nuffin biyyaa fi ummata kan tajaajilan loltootarraa yaa barannu jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.