Dargaggoonni magaalichaa waamicha biyyaaf deebii akka laatan gaafatame
Finfinnee, Adooleessa 19, 2013 (FBC) – Dargaggoonni magaalaa Finfinnee akkuma dargaggootaa naannolee biroo waamicha biyyaaf deebii akka laatan Itti Aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee waamicha dhiyeessan.
Aadde Adaanach dargaggoonni magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisaatti makamuuf galmaa’anii fi hin galmoofne saffisaan obboleeyyaan isaanii cinaa akka dhaabbatan gaafataniiru.
Dargaggoonni guutuu biyyattii guyyaa kaleessaa waamicha biyyaaf deebiin laatan kan jajjabeeffamuu fi galateeffamu ta’uu ibsaniiru.
Waraana Gareen shororkeessaa ABUT biyyarratti bane injifannoon ni galobna jedhan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.