Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee gurguddoo obbo Gaaddisaa Birruu hojjetan

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Hojiilee gurguddoo obbo Gaaddisaa Birruu hojjetanii fi beekkamtii argatan keessaa muraasa.
Obbo Gaaddisaa Birruu bara jireenya isaanii og barruu Afaan Oromoof nama bu’uura jabaa kaa’an keessaa isaan tokko.
Afaan Oromoon nama Asoosama barreessuu eegalan keessaa isaan hangafa.
Asoosama Kuusaa Gadoo jedhamu bara 1983/1991
Galmee jechoota Afaan Oromoo namoota kaan waliin bara 1983/1991
Barruulee birmata jedhamu bara 1985/1993
Kitaaba ‘peace and reconciliation’ jedhamu Afaan Oromoo fi Amaaraatti jijjiiruun bara 1993/2001
Asoosama Dhaamsa Abbaa jedhu bara 1994/2002
Fedhii gamtokkee fi ogbarruu gaggabaaboo biroo 2001/2009
Namummaa fi ogbarruu gaggabaaboo barreessitoota biroo waliin bara 2004/2012
Asoosama ‘burreen bifa tokkoo miti’ jedhu bara 2007/2015 barreessanii maxxansuun dubbiftootaaf ga’aniiru.
Waldaa barreessitoota Oromoo hundeessuu keessatti nama tarree jalqabaarra jiraniidha.
Waldichas Preezdaantii ta’anii waggaa 4’f tajaajilaniiru.
Yeroo ammaa kanas magaalaa Buraayyuutti mana barumsaa Lalisees Talent jedhamu hundeessuudhaan hawaasa naannootiif barumsa qulqullina qabu kennuu bira darbee namoota addaaddaatiif carraa hojii uumaaniiru.
Obbo Gaaddisaan hojiilee hojjetaniin beekkamtii fi Badhaasa adda addaa dhaabbilee garaagaraa irraa argataniiru.
Dorgommii biyya Ameerikaatti bara 1995/ 2003 taasifameen ‘Waxala Qaccee Gaabbii’ ogbarruu jedhu dhiyeessuudhaan tokkoffaa ba’uun badhaasa maallaqaa fi maxxansa ogbarrichaa fudhataniiru.
Bara 1996/2004 achuma biyya Ameerikaatti dorgommii taasifameen “Fedhii Gamtokkee’ dhiyeessuudhaan sadaffaa ba’uun badhaasa maallaqaa bara 1996/2004 fudhatee jira.
Obbo Gaaddisaan lubbuun darbanis seenaa fi hojiin isaanii dhaloota ammaa keessa bara baraan jiraata.
Maddi:- Waldaa Barreessitoota Oromiyaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.