Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantoonni naannolee guutinsa bishaanii hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa sababeeffachuun erga baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Preezdaantoonni naannolee guutinsa Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa sababeeffachuun erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin Guutinsi hidhichaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu isaan baga gammaddan jedhaniiru.
Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa fi itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw us ergaa baga gammaddanii dabarrsaniiru.
Akkasumas Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Ashaadilii Hasanii fi kan Naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuun Guutinsi Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu isaa erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Raawwiin kun qaamolee keessaa fi alaa dhiibbaa uumuuf socho’aa turan abdii kan kutachiisee, hojii itti aanuuf ammoo caalmaatti Ityoophiyaanootaaf hamalee kan uumee ta’uu preezdaantoonni kuneen himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.