Filannoo nagaa fi haqa qabeessa geggeessuun adeemsa Diimokiraasii cimsuu keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhame
Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Filannoo nagaa fi haqa qabeessa geggeessuun adeemsa Diimokiraasii cimsuu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu Hayyoonni marii Gumii Balal irratti hirmaatan.
Filannoon boodas Hawaasni nagaadhaan gara hojii idileetti deebi’uun agarsiistuu Filannoo nagaati jedhan.
Qopheessummaa Waajjira Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan geggeeffamu Gumiin Balal marsaa 9ffaan mata duree’Filannoo marsaa 6ffaa fi ga’ee qooda fudhattootaa’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjii kanarrattis Hayyoonni Oromoo hirmaachuun Filannoon booda adeemsa raawwatamuu qaban irratti gadi fageenyaan mari’achaa jiru.
Filannoo marsaa 6ffaa bara kana Ityoophiyaan gaggeessite gufachiisuuf rakkoowwan hedduun jiraataniyyuu filannichi seenaa biyya keenyaa keessatti bifa addaan raawwatameera jedhaniiru Waltajjicha kan gaggessaan Hoggannaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaa fi Gorsaan Dhimma Diinagdee Mootummaa Federaalaa Dooktar Diimaa Nagawoo.
Kanaan dura biyya keenya keessatti kan baratame, Paartiin morkattootaa wayita filannoof dhihaatan uummanni kan isaan deeggeru sababuma Mootummaa Mormaniif qofaadha.
Bara kana garuu Paartiin filannoof dhihaatu maal maal qabatee dhufee jechuun Hawaasni xiinxala isaatiin ba’ee filachaa akka tureedha waltajjicha irratti kan ragaan bahame.
Filannochis nagaan akka xumuramuuf ga’een qooda fudhattootaa olaanaa ta’uu himameera.
Akkasumas Miidiyaaleen biyya keessaa fi biyya alaa bilisaan filannicha gabaasuu keessatti hojii isaan hojjecha turan filannicha adda taasisas jedhaniiru.
Dabalataanis Hawaasni fedhii isaatiin nama naaf mala jedhu ba’ee filateera kun ammoo jalqabbii Diimokiraasii biyya keenyaaf bu’uura jabaa kaa’ee darbeeraa jedhan Hayyoonni Waltajjicharratti hirmaatan.
Filannoo bara kanaaf naannolee filannoon itti hin gaggeeffamin jiru dabalatee lammiilee miiliyoona 38 oltu filachuuf galmaa’e.
Waltajjichaan Dhimmoota Filannoon booda raawwatamuu qabaniifi Haala walii galaa biyyaafi naannoo irrattis gadi fageenyaan ni mari’atama.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.