Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni Godina Shawa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa oomisha Qamadii kilaasteraan facaasaa jiru

Finfinnee, Adooleessa 11, 2013 (FBC) – Qonnaan bultoonni Godina Shawa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa lafa hektaara 600 irratti kilaastera 39niin waldaan gurma’uun Qamadii kilaasteraan facaasaa jiru jedhame.

Oomishni biqilaa boqqolloo qonnaan bultoota aanichaan kilaasteran qotamees sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsameera.

Oomishni kilaastera boqqolloo kun lafa hektaaraa 20 irratti qonnaan bultoota 17n kan facaa’e ta’uu himameera.

Aanichatti bara oomisha 2013/14n lafti hektaarri 67 sanyii midhaanii gosa garaagaraan uwwiffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama aanaa Adaamii Tulluurraa arganne ni muul’isa.

Lafti qonnaan bultonni waldaan gurma’uun kilaasteraan qamadii omishaa jiran, kun kana dura lafa sababa garaagaraan qonnaan bultootarraa fudhatamee tajaajila malee lafa ta’aa ture ta’uu himamera.

Bara oomisha kana godinichatti, lafa hektaara kuma dhibba 4 olii qotama jiru keessaa lafti 65% ta,uu kilaasteran qotama jiraachuu itti gaafamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama godina Shawaa Bahaa obbo Masfiin Tashoomaa himan jiru.

Godinichatti oomisha qonna ganna hojjetama jirun lafti 56% ta’uu miidhaan gosa garaagaraan uwwiffameera jedhu obbo Masfiin.

lafa qotamaa jiru kana irrahis callaa kuntaalli miiliyoonni 16 kan eeggamu ta’uu ibsaniiru.

Xiyyeeffannoo ka’aamee bu’uura godhachuun lafa godinichatti sababa garaagaraan tajaajila malee ta’aaa ture lafa hektaara kuma 7olii irratti qonnaan bulaa waldan gurmeessun hojjetta jira jedhu Bulchan Godina Shawaa Bahaa obbo Abbabuu Waaqoo.

Galteewwan oomisha qonnaas qonnaan bulaaf dhiyyeaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumatu gaabase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.