Naannoo Harariitti guyyaa tokkotti biqiltuu kuma 350 dhaabuuf duulli ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti guyyaa tokkotti biqiltuu kuma dhibba 3 fi kuma 50 dhaabuuf duulli Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Duulli ashaaraa magariisaa kanarratti Preezdaantiin Naannoo Haraarii Obbo Oordiin Badrii fi Itti aantuun Preezdaantii naannichaa Aadde Misiraa Abdallaa dabalatee hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru.
Bara kana akka Naannoo Harariitti biqiltuu miiliyeena 3 dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, Aduu tokkotti biqiltuu kuma dhibba 3 fi kuma 50 Aanaalee 9 naannichi qabu keessatti dhaabamaa jira jedhame.
Itti aantuun Preezdaantii Naannoo Hararii Aadde Misiraa Abdallaa Aanaa soofii fi Aanaa Ereritti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.
Naannichatti ganna kana biqiltuu miiliyeena 3 dhaabaman keessaa 60% biqiltuu nyaataaf oolan ta’uu fi 40% immoo biqiltuuwwan bosonaaf oolan ta’uu himaniiruu.
Naannoo Harariitti ganna darbe aduu tokkotti biqiltuun kumni dhibbi 1 fi kumni 60 dhaabamuu ibsaniiru.
Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badrii bara kana guyyaa tokkotti biqiltuu kuma dhibba 3 fi kuma 50 dhaabuuf har’a duulaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane hawaasni hundi kunuunsuu akka qabus obbo Oordiin Badriin dhaamaniiruu.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.