Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiin Saayinsii Ityoophiyaa giddugala Saayinsii daa’immanii eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Akkaadaamiin Saayinsii Ityoophiyaa Giddugala Saayinsii daa’immanii eebbisiseera.
Akkaadaamichi damee Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshinii Ityoophiyaatti yaadoota qorannoo bu’uura godhatan taasiisuurratti argama jedhame.
Akkaadaamichi erga hundaa’ee eegalee giddugalli daa’immannii akka hundaa’u hojjetamaa turuu Preezdaantiin Akkaadamichaa Proofeesar Tsiggee Gabramaariyaam ibsaniiru.
Saayinsii fi Teeknooloojii cimaan akka jiraatu daa’immanirratti hojjechuun shoora olaanaa qabaachuu Ministir Deettaan Ministeera Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Alamituu Umood ibsaniiru.
Giddugalii kunis damicha guddisuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.