Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mana marichaarraa beekamtii argate

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee geeddaruuf sochii taasisaa jiruuf beekamtii argate.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI hojii bulchiinsa magaalichaa kan dinqisiifatu ta’uu af yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasaa Caafoon beeksisaniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi kaabineen isaanii miseensota mana marichaa waliin mari’ataniiru.

Miseensonni mana marichaa kaabineen amma magaalicha hogganaa jiru taayitaa ega qabatee eegalee hojiilee bulchiinsa magaalichaatti hojjetamaa jiran dinqisiifachuudhan, magaalota biyyattii biroofis fakkeenya gaarii ta’uu beeksisaniiru.

Bulchiinsa magaalichaa waliin hojjechuufis kutannoo fi fedhii jiru ibsaniiru.

Injiinar Taakkalaanis beekamtii mana marichaatif galateeffatanii, bulchiinsi magaalichaa jireenya lammiilee geeddaruuf itti fufiinsan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Manni marichaa Injiinar Taakkalaa Uumaaf beekamtii fi badhaasa laatera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.