Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramaayaa qonnaan bultootaa aanaalee Godina Harargee Bahaa sanyii yeroo gabaabatti ga’an deeggare

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramaayaa qonnaan bultootaa aanaalee Godina Harargee Bahaa sababa roobni dheerateen miidhamaniif sanyii yeroo gabaabatti ga’uu danda’an deeggarsa taasise.
Yuunvarsiitichi aanaalee 9 hanqina roobaan miidhamaniif sanyii midhaanii yeroo gabaaba keesatti ga’uu danda’an deeggareera.
Sanyii Qamadii, Shunburaa,boqqolloo, boloqqee, muduraa, Ataraa fi mishingaa kuntaala 460 ol Birrii miiliyoona dhibba 3 oliin bituun qonnaan bultoota kuma 7 ta’aniif deeggarsa taasiiseera.
Qonnaan bultoota sababa roobaan midhaan jalaa bade kuma 1 oliif ammoo sanyii filatamaa akaakuu 3 kuntaala kuma 14 laateera.
Itti aanaan Prezedaantii dhimma bulchiinsa barattoota Yuunvarsiitichaa Proofeesar Jeeyilaan Waaliyyuu Yuunvarsiitiin Haramayaa hundeefama isaa irraa eegalee rakkoo qonnaan bultoota mudatan hiikuuf hojjechaa turee eeraniiru.
Sanyiin deeggarsaan laatame kun hongee mudachuu danda’u xiqqeessuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.
Godinichatti lafa hektaara kuma 47 waqtii Arfaasaa misoome keessaa sababa hanqina Roobaan % 81 manca’uu fi qonnaan bultoota beelaaf saaxiluu akka danda’u qorannoon mirkanaa’uu himameera.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.