Hidhaan Haaromsaa dhimma misoomaa malee dhimma biroo hin qabu – Abduulfattaahi Al Siisii
Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Gibtsi Abduulfattaahi Al Siisiin nageenyaa fi Badhaadhina waloof waamicha dhiyeessan.
Abduulfattaahi Al Siisiin Ityoophiyaanoota, Gibtsootaa fi Sudaanootaaf nageenyaa fi Badhaadhina waloof waamicha dhiyeessan.
Marii seeraa qabeessaan nagaan waliin jiraachuu fi badhaadhinni waloo kan barbaachisu ta’uu Preezdaant Al Siisiin himaniiru.
Yaada gama Ityoophiyaan dhiyaate cinaa dhaabbachu qabna jedhaniiru.
Hidhaan Haaromsaa dhimma misoomaa malee dhimma biroo kan hin qabne ta’uu Abduulfattaahi Al Siisii ibsaniiru.
Wanti biroon sodaa qabnu dubbachuu hin barbaanne jiraatus hagas mara yaachisaa miti jedhan.
Maddi:- Ijipti Tuu Day
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.