Manni Barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa Naqamtee eebbifame
Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Kutaa Bulchiinsa Soorgaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa Naqamtee eebbifameera.
Manni Barumsaa kun baasii Birrii miiliyoona 35.5n ijaaramuu ibsameera.
Manni Barumsaa ijaarame kun kutaalee barnootaa, Teessoo, kutaa dubbisa Kitaabaa, laabraatorii fi kutaa ICT kan guuttate ta’uu himameera.
Bara barnootaa 2014tti barattoota kuma 1fi 440 dabareen simatee barsiisuu danda’a jedhame.
Oduu biroon Godina Harargee Lixaa Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddeetti, Manni Barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu ijaaramaa ture xummuramuu ibsameera.
Akka OBN gabaaseetti,manneen barnoota akka Godina Harargee Lixaatti ijaarramaa jiran qulqullinaa fi saffisaan ijaaramaa jiraachuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.