Ityoophiyaanoonni kumni 2 fi 42 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa kumni 2 fi 42 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti argaman gara biyyaa deebisuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu himameera.
Dubartoota 229 fi daa’immaan 136 dabalatee waliigala lammiileen kumni 2 fi 42 gara biyyaa deebi’aniiru.
Deebitoonni buufata Xiyyaaraa Boolee Idil Aaddunyaa wayita ga’aan simannaa taasifamuufi ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.