Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birrii biiliyooni 2 ol walitti qabame

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Bara Baajataa xumurame kana ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birrii biiliyoonni 2 ol walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa beeksisee.
Adooleessa 1, 2012 hanga Waxabajjii 30, 2013tti ijaarsa hidhichaaf Birrii biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 49 fi kumni 85 ol walitti qabamuu Daayreektarri Quunnamtii Ummataa fi Miidiyaa mana marichaa obbo Hayiluu Abrahaam ibsaniiru.
Biyya keessaa Bittaa Boondii fi kenaan Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 67f kumni dhibbi 3 fi kumni 83 walitti qabamuu eeraniiru.
Bittaa fi Kennaa Diyaaspooraarraa miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 34 fi kumni 96 ol argamuu himaniiru.
Tajaajila ergaa gabaabaan 8100 ‘A’n birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 32 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 53 ol walitti qabamuu ibsaniiru.
Guutinsii Bishaanii hidhichaa marsaa 2ffaa gaggeeffamaa jiru hordofee hirmaannaa ummataa caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Hayiluun ibsaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti ijaarsa hidhichaaf hanga ammaatti deeggarsa ummatarraa Birrii biiliyoonni 15 fi miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 29 walitti qabamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.