Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoota magaalaa Finfinneef deeggarsi Xaa’oo fi sanyii filatamaa taasiifame

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Qonnaan Bultoota magaalaa Finfinnee 900 ta’aniif deeggarsi Xaa’oo fi sanyii filatamaa taasiifameera.
Qonnaan Bultoota magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee 900 ta’aniif deeggarsi Xaa’oo fi sanyii filatamaa taasiifamuu ibsameera.
Kutaa magaalichaatti sagantaan eegalchiisa qonna gannaa bara oomishaa 2013/14 gaggeeffameera.
Saganticharratti qonnaan bultoota harka qalleeyyiif deeggarsi garaagaraa taasiifameera.
Qonnaan bultoota 934 deeggarsi xaa’oo fi sanyii filatamaa kan taasiifame yoo ta’uu, qonnaan bultoota harka qalleeyyii 290 deeggarsi uffataalee harkanii taasiifamuu himameera.
Qonnaan bultoota naannawaa magaalichaatti argamaniif kaartaan mirkaneessa abbaa qabeenyummaa lafaa laatamaa jiraachuu itti aanaa bulchaan kutaa magaalaa Boole obbo Makonniin Ambaayyee himaniiru.
Qonnaan bultoonni lafa isaanii gurguruurraa of qusachuun sirnaan misoomsuu akka qaban dhaamaniiru.
Hojiin Qonna Gannaa bara kanaa ifatti eegalamuu Komishiniin Misooma Qonna magaalaa fi qonnaan bultootaa bulchiinsa magaalichaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.