Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Lixaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa jira.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa kanarrattis hoggantoonni hojii mootummaa naannoo fi godinichaa hirmaataa jiru.
Kutaalee hawaasa garagaraa dabalatee caasaaleen nageenyaas ashaaraa magaarisaasaanii kaa’aaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsa Waaqumaa saganticharratti haasaa taasisaniin, godinichi biqiltuu ofi dhaabuurra darbee biqiltuu Ityoophiyaan biyyoota oollaaf laachuu qopheessitee keessaatti qooda fudhachuun biqiltuu miiliyoona 1 laateera jedhan.
Waajjirri Qonnaa fi Qabeenyaa Uumaama godinicha bqiltuu guyyaa har’aa dhaabbatee ogeeyyii ramaduun akka hordofamuu kan taasifamuu ta’u himaniiru.
Dhaabbii biqiltuu kanarratti kan hirmaataan Hoggannaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deeksisaa, biqiltuu dhaabuun bara durii aadaa ture aadaa kun sababoota garagaraatin baduun yeroo amma kana deebi’era jedhan.
Guyyaa har’as Godina Shawaa Lixaa aanoolee 22 keessaatti biqiltuun miiliyoonni 24.16 dhaabbaachaa jira jedhameera.
Addis Taammiraatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.