Godina Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaatti Manneen barnootaa Ifaa Boruu sadarkaa 2ffaan eebbifaman
Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaa Magaalaa Ukkeetti Manni barumsa Ifa Booruu sadarkaa 2ffaa Birri miiliyoona 35 oliin ijaaramaa eebbifameera.
Manni barumsichaa daree barnootaa, labraatoorii, dirree kubbaa miilaa fi kutaalee bulchiinsaa kan guuttate ta’uu ibsameera.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuu fi Nya’aattis Manni Barumsaa Ifaa Boru Gaara Boxoraa sadarkaa 2ffaa baasii birrii miiliyoona 34n hojjetame ebbifameera.
Eebba Proojektoota manneen barnootaa kanarratti hoggantoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa, hoggansi godinaalee kanneenii fi aanaalee argamaniiru.
Efireem Malkaamuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.