Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee fi Injiinar Ayishaan kutaa magaalaa Nifaas Silki laaftootti bo’oo dhangala’oon keessa yaa’u qulqulleessaan

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayiishaa Mahaammad kutaa magaalaa Nifaas Silki laaftootti bo’oo dhangala’oon keessa yaa’u qulqulleessaaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti duulli qulqullina magaalaa Marsaa lammaffaa torbee saddeettaffaa jalqabameera.

Aadde Adaanach Finfinnee magaalaa miidhagduu gochuuf hojii hedduun hojjetamaa akka jiru Aadde Adaanech ibsaniiru.

Bara darbe hojii tola ooltummaa gannaa irratti lammiileen miiliyoonni 3 hirmaachuu ibsan.

Baranas mana harka qalleeyyii haaressuu, biqiltuu dhaabuu fi qulqullina magaalaatin magaalaan Finfinnee magaalaa biroof fakkeenya akka taatu taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hojii qulqullina magaalaa kun mata duree ” bo’oon lolaa kan bishaan keessa yaa’u malee kuusaa balfaa miti” jedhuun eegaleera.

Balfa Meetir kuubii kuma 20 bo’oo lolaa keessaa baasuuf karoorfatamee duulli kun guyyaa har’aa jalqabameera.

Aadde Adaanach jiraattoonni magaalaa Finfinnee gammadoo ta’uuf naannoon keenya qulqullaa’uu qaba jedhaniiru.

Injiinar Ayishaa Mahaammaad gamaa isaaniin, jiraattoonni magaalaa Finfinnee wal tumsuun naannoo qulqulleessuuf sochiin taasisaa jiran fakkeenyaa kan ta’uu fi jajjaabeeffamuu akka qabuu himuusaanii ragaan Pirees Seekireeteriyaatii Magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.