Yuunvarsiitiin naannoo Oromiyaa dhaabbilee barnoota olaanoo Keeniyaa lama waliin muuxannoo wal jijjiire
Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)- Jilli Yuunvarsiitiin naannoo Oromiyaa dhaabbiilee barnoota olaanoo Keeniyaa lama waliin muuxannoo wal jijjiireera.
Jilli Hogganaan Biiroon Paabliiki Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii fi preezdaantiin Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Gammachuu Araarsaan durfamu itti aanaa Yuunvaarsiitii Keeniyaatta proofeeseer Paawuul Waayinaayinaa waliin mari’ataniiru.
Haaluma wal fakkatuu jilichi itti aanaa yuunvartiisii Naayroobii proofeeseer Steefaan Kiyaamaa fi miseensoota manajimeenti yuunvarsiiticha waliin mari’ataniiru.
Yuunvarsiitiin naannoo Oromiyaa hariiroo uumuun tumsaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.