Qaamoleen garaagaraa sagantaa dhaabbii Biqiltuu ashaaraa magariisaa gaggeessaniiru
Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Miseensoonni Mana Maree magaalaa Finfinnee, Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii fi dhaabbileen waamamtootaa sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa gaggeessaniiru.
Miseensoonni Mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee giddugala biqiltuu Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.
Magaalichaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa ‘Finfinnee yaa uwwisnu’ jedhu cimee itti fufu himameera.
Gurmaa’iinsi Caasaa bilookii kutaalee magaalaa hunda keessaa walitti babba’an sagantaa kanarratti hirmaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’usa.
Magaalichaatti bara kana biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Hojjettoonni Aadaa fi Tuurizimii fi dhaabbilee waamamtootaas naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Ankoobar Bosona Holqa Waf keessatti biqiltuu dhaabaaniiru.
Sagantaa kanaan Bosona Holqa Waf balaa ibdiddaan barbadaa’e bakka buusuuf kan kaayyeeffame ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dookta Hiruut Kaasaw ibsaniiru.
Sagantaa kanarratti hoggantoonni Ministeera Aadaa fi Tuurizimii, Abbaa Taayitaa Eeggumsaa fi kunuunsa Hambaalee, Komishinii Tuuriizimii fi ogeeyyiin Tiyaatira Biyyaalessa argamaniiru jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.