Dargaggoonni miseensota Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Paarkii Inxooxxootti biqiltuu dhaaban
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Dargaggoonni miseensota Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Paarkii Inxooxxootti biqiltuu dhaabaniiru.
Daayrektarri Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Birgaadeer Jeneraal Geetaachoo Shifarraaw, akka ibsanitti dargaaggoonni nageenya biyya keessaa eegsisuun akkuma shoora olaanaa qaban biqiltuu dhaabuudhaanis naannoo mijataa uumuu keessatti gahee isaani akka bahan dhaaman.
Dargaggoonni biyyoota miseensa Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa 10’n irraa walitti babba’an ga’een dargaggoonni biyya ijaaruu keessatti qaban olaanaa ta’uu ibsuun hojiin Ityoophiyaan gama Ashaaraa Magarisaan hojjechaa jirtu kan dinqisifatamu ta’uu eeruuniiru.
Biyyoonni birooniis muuxaannoo gaarii kana akka qooddatan jechuun dhaamaniru.
Sagantaan akkasiis walitti dhufeenya Ityoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu kallatti garagaraan cimsuudhaaf shoora olaanaa akka qabus ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.a