Fana: At a Speed of Life!

Ummaanni Sudaan dhugaa hidha haaromsaa hubachuu qabu – Ambaasaaddar Yibalxaan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Ummanni Sudaan dhugaa hidha haaromsaa hubachuu akka qaban Sudaanitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaa Ayimiroon ibsaniiru.

Dhimmi madda anniisaa hidha haaromsaa dhimma Teeknikaa ta’us hanga yaaddamuu ol ajandaa siyaasaa ta’aa dhufuu isaa ummanni Sudaan dhugaa jiru hubachuu akka qaban himaniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaal Hidha Haaromsaa ilaalchisee Gaazexeessitootaa fi miidiyaalee Sudaanitti argamaniif ibsa taasiisaniiru.

Maddi annisaa Hidha Haaromsaa dhimma Teeknikaa ta’us Ajandaa siyaasaa ta’aa dhufuu isaan ummanni Sudaan dhimmicha hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Yaa’a laga Abbayyaa 2/3 Ityoophiyaan kan uwwifamuu fi hamma bishaanii % 86 Ityoophiyaan kan gumaachitu ta’us Ityoophiyaanoonni miiliyoonni 65 elektirika malee dukkana keessa kan jiraatan ta’uu eeraniiru.

Abbayyaa misoomsuun mirga qofa osoo hin taane dirqama Ityoophiyaa ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan seera idil addunyaa eeguun haala haqa qabeessa ta’een misoomsaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaan biyyaa dhugaa fi haqa qabdu ta’uu kan mirkaneedha jedhan ibsa laataniin.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.