Manneen hojii ministeeroota garaagaraa boqachuu Dooktara Kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi itti dhaga’amuu ibsan
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Manneen hojii ministeeroota garaagaraa boqachuu Dooktara Kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Dooktarri Kabajaa Abbabach Goobanaa addunyaa kanarraa du’aan boqachuu isaaniif gadda itti dhaga’amuu ibsaniiru.
Dooktarri kabajaa fi harmeen dhala namaa hundaa Abbabach Goobanaan boqochuu isaaniitiin guddaan itti dhaga’amuu himaniiru.
Kabajamoo Abbabechi daa’imman abbaa fi haati irra hin jirrre hedduu kunuunsanii guddisaniiru; harka-qalleeyyii danuudhaaf wabii gaafa dhiphinaa ta’uu isaanii eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.