Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen tajaajila mootummaa laataan tajaajila kabajaa lammiileef qabu laachuun irraa eegama-Aadde Mufariyaat

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Dhaabbileen tajaajila mootummaa laataan tajaajila kabajaa lammiileef qabu laachuun irraa kan eegamu ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Mariin xiyyeeffannoo damee tajaajila qindeessummaa Ministeera Nageenyaatin qophaa’ee har’a Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjichaarratti hoggantoonni olaanoo hojii federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Aadde Mufariiyaat Kaamiil yaada lataaniin akka ibsanitti, dameen tajaajila mootummaa tajaajiloota laataanin itti quufinsaa uumuu fi biyyii ijaarsa sirna deemokiraasii eegaltee cimsuurratti shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Ijaarsa nageenya waaraa Ityoophiyaa keessaatti taasifamuuf dhimmota hudhaa ta’aan qorannoo adda baasuun ibsaniiru.

Dhimmoota adda addaa keessaa ijaarsi mootummaa biyyaa fi biyyoolessaa xumuramuu dhabuun kan eerramaniidha jedhaniiru.

Dhimmoota ijoo lameen kanneen nageenyaa waaraan milkeessuu shooraa olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Ijaarsa mootummaa biyya xumuruuf dhaabbanni cimaan, walabaa fi bilisaa akka barbaachisuu ibsuun, nama dhuunfaarra eegalee maatii, hawaasaa fi sadarkaa dhaabbataatti nagaan mirkaaneessuun  barbaachisaadha jedhaniiru.

Humni namaa dandeetti qabuu fi sadarkaa fooyya’aarra jiru akka barbaachisuus eeraniiru.

Kuniis fedhii tajaajila lammiileef deebii laachuuf eejjeennoon akka barbaachisuu himaniiru.

Dhaabbilees gurmaa’insa hojii maata, teeknooloojiin ammayeessuu fi guddisuun qabna jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.