Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa mootummaa naannoo Tigraayitti waliigaltee dhuukaasa dhaabuu labse raggaasise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa Mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu naannoo Tigraayitti labse raggasiseera.

Manni marichaa haala waqtaawaa naannoo Tigraayirratti waltajjii gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, waltajjichaanis mootummaan waliigaltee dhukaasa dhaabuuf murtaa’ee dinqisifachuun tarkaanifichi naannichaatti deeggarsa qaqqabsiisuuf taattaaffi taasifamuuf tumsa olaanaa qabachuu ibsameera.

Nageenya waaraa fiduufis mariin qaamoleen hundaa hirmaachisee sadarkaa biyyoolessaatti akka taasifamuu qabu ibsaniiru.

Kana waliin walqabsiisee hawaasni idil addunyaa mootummaan tattaaffii taasisaa jiru akka deeggaruu fi jajjabeessuu manni mariichaa gaafateera.

Deeggarsa namoomaan walqabsiisee dhaabbileen deeggartotaa deeggarsa naannichaatti taasifamuu akka cimsanii itti fufaan manni marichaa yaadachiseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.