Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Siwiidiin waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Siwiidiin Anii Liind waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.
Hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu obbo Dammaqaan kaasaniiru.
Naannoo Tigraayitti miidhaa namoomaa fi qisaasa’in qabeenyaa ga’aa jiru hir’isuuf tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu fudhatamuu ibsa taasiisaniiru.
Gareen ABUT walitti bu’uunsa uumuurraa akka of qusatuu fi naannichatti tasgabbiin akka bu’u deeggarsa taasiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dhiyeessii deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu obbo Dammaqaan eeraniiru.
Hawaasni addunyaa deeggarsa dabalataa akka taasiisu gaafataniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Siwiidiin Anii Liind gama isaaniin tarkaanfii dhukaasa dhaabuu fudhatame dinqisiifataniiru.
Yeroo itti aanu deeggarsi namoomaa naannicha akka qaqqabuu fi sarbama mirga namoomaa qaqqabe qaamni dhimmi ilaallatu qorachuun tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Marii sadee hidha haaromsaa gara ajandaa idil addunyaatti fudhachuun fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.