Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti Proojektoonni misoomaa garagaraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Godina Jimmaatti aanaa Oomoo Beeyemitti Proojektoonni misoomaa garagaraa Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 47 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.
Aanichatti Proojektoota 78 Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 93 hojjetamuuf karoorfaman keessaa Proojektoonni 58 birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 47.8 hojjetamanii xumuraman eebbifamaniiru.
Daandiin Cirrachaa Kiiloo Meetirri 90, manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa, gamoo bulchiinsa aanichaa dabalatee waajjiraaleen garaagaraa bakka bulchaan godinichaa obbo Abduulhaakiim Muluu argamanitti eebbifamaniiru.
Qonnaan bultoota leenjii saayinsii qonnaan fudhachuun qormaata madaallii ga’umsaa darban 323 sirna eebbichaarratti waraqaan ragaa laatamuu ibsameera.
Tamasgeen Allabbaachowtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.