Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT sodaa nageenya biyyaa ta’ee akka itti hin fufne guutumaan guutuutti barbadaa’eera – L/J Baacaa Dabalee

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Gareen ABUT sodaa nageenya biyyaa ta’ee akka itti hin fufne guutumaan guutuutti barbadaa’uu Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.
Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen hoggansa olaanaa kutaalee waraanaa waliin marii taasiisaniin, gareen Shororkeessaa ABUT meeshaalee waraanaa Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaarraa saameen loluuf yaaluus Raayyaa Ittisan torbee 3 caalaa lola idileen loluu hin dandeenye jedhan.
Waraana idileen erga moo’amee booda iddoo garaagaraatti bittinaa’uun riphee loluuf yaaluus Raayyaan Ittisaa hoggantootaa fi loltoota garichaa boollaa fi holqa jiran keessaa guuruun barbadeessuu fi seeratti dhiyeessuun hojii milkaa’ina qabu raawwachuu himaniiru.
Gareen taphaa ala ta’e kun lola idilee fi riphaan loluuf humna dhabnaan olola sobaan ummata keessa galuun daa’immanii fi maanguddoota of dura hiriirsiisuun waraanuu filachuu ibsaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa baatii 8f hojii duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigraay keessa tureen nageenyaa ummataa fi tajaajila deeggarsa namoomaaf wareegama kaffalaa turus duub deebiin ummataraa kennameef garuu faallaa ta’uu ibsaniiru.
Ummataaf yeroon qalbeeffannaa akka laatamu murtoo mootummaan fudhateen Raayyaan Ittisaa Magaalaa Maqalee keessa ba’uu eeraniiru.
Gareen ABUT ummata keessa riphee ture daandirratti ba’ee dhiichisuun ala Raayyaa Ittisaa waliin hin lolle, loluufis humna hin qabu jechuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.