Lammiilee Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an deebisanii ijaaruuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Lammiilee Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an deebisanii ijaaruuf dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Baqattoota yeroo dhiyoo Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an ariitiin deebisaanii ijaaruuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa obbo Niguusuu Xilahuun ibsaniiru
Lammiilee yeroo ammaa Saa’ud Arabiyaarraa deebi’aa jiraniif furmaata ariifachiisaa laachuuf karoorri addaa qophaa’ee hojiitti hiikkamaa jiraachuu obbo Niguusuun eeraniiru.
Komishinichi lammiilee kanneen dhaabuuf dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin qindoominaan hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhaabbilee mootummaa Federaalaa hanga naannootti jiranitti caasaa diriirsuun sochiin eegalamuu himaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.