Barattoonni Yuunvarsiitiwwan Naannoo Tigraayitti argaman keessa jiran haala gaariirra jiraachuu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo barattoonni Yuunvarsiitiwwan Naannoo Tigraayitti argaman keessa jiran haala gaariirra jiraachuu beeksiise.
Ministeerichi hoggantoota Yuunvarsiitiwwanii argachuun haala jiru dubbisuu ibseera.
Barattoonni yeroo ammaa qoramaata seemisteera 2ffaaf qophaa’aa jiraachuu hubachuun danda’ameera jedhame.
Maatiin barattootaa haala kana hubachuun tattaaffii mootummaan taasiisaa jiru deeggaruu akka qaban Ministeerichi waamicha dhiyeesseera.
Yeroo itti aanu akkuma qormaata xumuraniin haala jiru kan beeksiisu ta’uu ibsuun, maatiin barattoota odeeffannoo miidiyaalee idileen darbu qofa hordofaa tasgabbiin eeguu akka qaban hubachiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.