Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Mokonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Chuung Iyoo Yoong waliin dhimmoota waqtaawaarratti bilbilaan mari’ataniiru.

Wayita kanaattis hariiroo dameewwan hedduu biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaan guddisuun barnaachisaa ta’uu obbo Dammaqaan himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti haala mudaateen hojii namoomaa itti fufsiisuu fi waqtii gannaa ta’uusaan hawasni hojii qonnaa akka raawwatuuf dhukaasaa dhaabuu labsuu himaniiru.

Tarkaanfii kunis sadarka idil addunyaatti hawaasa biraatti sodaa ka’aa ture hambiisuu fi dhaabbileen deeggarsa namoomaa laataan hojiisaanii akka hojjetaan haala mijaataan ni uumaa jedhaniiru.

Mootummaa Koriiyaa Kibbaa deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti taasifamuuf shoora inni ba’aateef galateeffachuun cimee akka itti fufuu gaafachuusaanii ragaan Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.