Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu naannoo Tigraayitti fudhatame kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Keeniyaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti fudhate kan deeggartu ta’uu ibsite.
Keeniyaatti itti aanaa dursaan Miisiyoonii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Siraaj Raashiid Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaatti Daayreektera Dhimmoota Afrikaa fi gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Joorji Ooriinaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Siraaj Raashiid tarkaanfii dhukaasa dhaabuu mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti fudhate dabalatee haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Marii sadeen hidha haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka itti fufu mootummaan Keeniyaa deeggaruu akka qabu gaafataniiru.
Ambaasaaddar Joorji Ooriinaa gama isaaniin mootummaan keeniyaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti fudhate kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Keeniyaan mariin sadee hidha haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka gaggeeffamu kan deeggartu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Keenyinaa fi Ityoophiyaan dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.