Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis ijaarsaa Giddugalaa Beekumsaa Leenji Barnootaa fi Teeknika Ogummaa dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Preezdaant Shimallis Abdiisaa ijaarsaa Giddugalaa Beekumsaa Leenji Barnootaa fi Teeknika Ogummaa  Afrikaa Bahaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Giddugalli kunis Kolleejji Poolii Teeknikaa Hoolataatti kan ijaaramudha jedhameera.

Sirna dhagaa kaa’uu kanarratti Sadarkaa Preezdaanti Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa, Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabblee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurkaatoo akkasumas qaamoleen garagaraa argamaniru.

Preezdaant Shimallis qabeenya Oromiyaan qabdu tajaajilarraa oolchuun, beekumsaa fi ogummaa irratti jabaanne yoo hojjanne, imala Badhadhinaa milkeesuuf daandii saaquun ni danda’amaa jedhaniiru.

Milkaa’ina kanas Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnootaa Teeknikaafi Ogummaaf xiyyeefannoo kenne hojjetaa jiras jedhan.

Ganna kana hojii tajaajila lammummaan Proojeekti Bu’uura Boruu, olmaa daa’imanii 3000 Oromiyaa keessati ijaaramuuf dizaayinin xumurame godinaalee bira waan gahef milka’inasaatiif hawaasni naannichaa akka tumsuu Obbo Shimallis waamicha dhiheessaniru ragaan OBN irra argamee ni muul’dhisa.

Jilli Preezidaanti Shimallisiin durfamu kun mooraa koolleejjii Poolii Teeknikaa Hoolataa keessatti biqiltuus dhaabeera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.