Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu fudhatameef biyyoonnii fi dhaabbileen idil addunyaa beekkamtii kennaa jiru – Ministeerri Dhimma Alaa

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu mootummaan naannoo Tigraayitti fudhateef biyyoonnii fi dhaabbileen idil addunyaa garaagaraa beekkamtii kennaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin haala waliigalaa yeroo ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.
Qaamoleen kana dura waliigalteen dhukaasaa dhaabuu akka taasiifamu gaafataa turan tarkaanficha dinqisiifachuu himaniiru.
Gamtaan Afrikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa, Chaayinaa, Siwiidiin, Emireetoonni Araba Gamtoomanii tarkaanfichaaf beekkamtii laachuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Tarkaanfichi giddugaltummaa biyyoota alaa qolachuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan dhimmoota Hidha Haaromsaa xiyyeeffannoo barbaadanirratti murtoo dabarsuu ibsaniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran deebiisuuf hojii hojjetameen guyyoota muraasa keessatti lammiileen kumni 9 fi 902 gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.
Kanneen deebi’an keessaa 861 dubartootaa, 193 ammoo daa’imman ta’uu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa walga’ii 72ffaa gageesseen Filannoon Ityoophiyaa fi Jiibuutiiti gaggeeffame filannoo nagaa ta’uu ibsuu himaniirui.
Sudaanii fi Gibtsi dhimmi hidha haaromsaa ilaalchisee xaalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessaniif Ityoophiyaan deebii laachuu dubbataniiru.
Wandasan Araggaanyii fi Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.