Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dooktar Tediros Adahaanoom irraa deebiin akka hin muudamnee gaafate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dooktar Tedros Adahaanoom irraa deebiin akka hin muudamnee gaafateera.

Dhiyeenya Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti odiitii taasifameen, hojmaanni badaa bal’inaan dabaleera, yakkoota waldhahuu, dhiibbaan koorniyaa daran dabaluusaatiin Daarektarri Olaanaa Dhaabbaticha Dooktar Tediros Adahaanoom ittigafatamummaasaaniirraa ka’uu qabu jedhamusaa Biznas Waayer gabaaseera.

Hojmaata badaa dhaabbatichaa kana bu’ureffachuunis Faawundeeshiniin Kunuunsa Fayyaa HIV/Edsii (AHF) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif Dooktar Tediros Adahaanoom marsaa lammaffaaf Daayrektara ta’anii akka hin muudamne waamicha dhiyeessaniiru.

Daayrektarichi bakkichaaf kan hin madaalledhas jechuun gabaaseera.

Odiitiin faayinanshiyaalii dhaabbatichaa kan bara 2020 akka mul’isutti, dhaabbatichatti seeraan ala doolaarri miliyoona dhibbi  3 fi miiliyoonnki 32.79 waliigaltee gorsaaf mallatteeffamee argameera.

Sababa kanaanis kisaaraa olaanaa qaqqabsiiseera jedha gabaasichi.

Dhaabbaticha keessatti hojmanniwwan badaa, rakkoon iftoominaa jiraachuu odiitiin adda bahuusaa himamee, keessumaa dhiibbaan koorniyaa bal’inaan jiraachuusaa adda baaseera jedhame.

“Hojmaata badaafi dhimmoota odiitiin iftooman ajaa’ibsiisaneerra” kan jedhan Preezdaantiin AHF Maayikil Wiistan, Dhaabbatichi rakkoolee wal xaxaa keessa jiraachuusaa hubachuu dandeenyerra, Dooktar Tediros biyyoota miseensotaarraa deeggarsi akka barbaachisu himaa jiru.

Haa ta’u malee hooggansi dhaabbatichaa namoonni vaayrasii koroonaatii akka dhumanillee hojii seeraan alaa hojjeteera. Kanas gabaasichi ifatti nutti agarsiiseera” jedhaniiru.

“Maallaqoonni miliyoonaan lakkaa’aman faayidaa malee badeera, yeroo ammaa kana shakkii tokko malee Daarektarri Haaraa, dhugaafi amanamaa dhaabbatichaaf barbaachisa” jechuun preezdaantichi akeekkachiisaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.