Ambaasaaddar Jamaal Bakar daayrektara Inistiityuuti dippiloomaasii Baariheen waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Baahireenitti Hoogganaan Waajjira Qonsilaa FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar daayrektara Inistiityuutii dippiloomaasii Baariheen Dooktar Muniiraa Al Kaliif waliin mari’ataniiru.
Turti isaaniin dhimmoota biyyoota lamaanii fi naannoorratti mari’ataniru.
Ambaasaaddar Jamaal Ityoophiyaan kabaja nageenya Gaanfaa Afrikaaf, Afrikaaf shooraa ishee bahaa jirtu akkasumas hariiroo naannoo cimsuuf tattaaffii taasiftuu ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Dabalataanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessahuu ce’uumsa beekumsa, leenjii dippiloomaatootaa, qorannoo fi qo’annoorratti dhaabbata leenjii hariiroo fi tajaajila alaa waliin qindoominaan hojjechuuf gaaffii dhiyeessera.
Daayrektarri Inistiityuutii dippiloomaasii Baariheen Dooktar Muuniiraa Al Kaliif Ityoophiyaan kabaja nageenya Gaanfaa Afrikaaf, Afrikaa fi shooraa ishee bahaa jirtu dinqisiifachuun hariiroo Gaanfaa Afrikaa fi Giddugaleessaa bahaa calmaan cimsuuf hariiroon dippiloomaasii murteessaa ta’uu ibsaniru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.