Waxabajjii 30 damee barnootaan biqiltuu miiliyoona dhibba 5 dhaabuuf hojjetamaa jira – Ministeera Barnootaa
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Waxabajjii 30 damee barnootaan biqiltuu miiliyoona dhibba 5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Barattootaa miiliyoona 27 fi barsiisoota kuma dhibba 7qabannee Ityoophiyaa deeggaruun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan.
Ministeera Barnootaatti dameen garaagaraa fi hoggantoonni olaanoon Aarbaa Mincitti biqiltuu dhaabeera.
Waxabajjii 30 manneen barnootaatti guyyaan lolaaf beellamaa ture bara kana hanga biqiltuu miiliyoona dhibba 5 dhaabuuf karoorfamuu himuu isaanii ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni agarsiisa.
Waxabajjii 30, 2013 hoggansi barnootaa, hojjettoonni fi baratttoonni Ashaaraa isaanii akka ka’aan Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan wamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.