Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Siidaan Artiis Haacaaluu Hundeessaa aariitiin xumuramu akka qabu ibse
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Siidaan Artiis Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamuu aariitiin xumuramuu akka qabu ibseera.
Siidaan Gooticha qaroo sabaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa
Maagaalaa Finfinneetti hojjetamuuf jalqabame xummuramuun bakka Maatiin isaa, Jaalattoonni, dinqisiifattonni isaa aanga’oonni olaanoo biyyattii fi Magaalaa Finfiinee argamanitti yeroo torbee tokkoo hin gunnee keessatti akka eebbifamu bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.
Siidaan kun Muummee barnootaa Art School Yuunvarsiitii Finfinneen Dizzaayiniisaa dhiyaatee Biyya Chaayinaatti Nahaasaa/Bronz/ irraa hojjatame.
Baasiin Siidaa kanaas Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Abbootii qabeenyaa hedduu kan hirmaachisee ta’uunis himameera.
Siidaan Haacaaluu kunis komiishinii Diinagdee Afrikaa ECA fi Masaraa Mootummaa Guddicha Ityoophiyaaa giduutti argama.
Haacaaluun Waxabajjii 22, 2012 Wareegamee har’a waggaa 1ffaa isaa guuteera.
Guyyaa yaadannoo isaa kanattis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka Sidaa isaa kanatti ibsa kennuufi OBNtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.