Niwu Meeksikootti namoonni Afuuffee Qilleensaan imala turan sarara ibsaatti bu’uun hundi du’an
Finfinnee, Waxabajjii 20, 2013 (FBC) – Niwu Meeksikootti namoonni afuuffee qilleensaan imalaa turan sarara ibsaatti bu’uun hundi isaanii du’uu ibsame.
Afuuffeen kun humna ibsaa rukutuu isaatiin namoota kuma 13 irraa ibsaan adda citeera jedhame.
Dubartoonni lamaa fi dhiironni lama battalumatti balaa mudateen yoo du’an, namni shanaffaan garuu erga gara Hospitaalaa galee booda du’uu jedhan Poolisiin biyyattii ibseera.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa biyyattii afuuffeen kun olka’iinsa meetira 30 irraa erga lafatti kufee booda gubachuu ibseera.
Balaan afuuffeen qilleensa keessa imalu kufuun muudatu Ameerikaatti isa jalqabaa miti jedhame.
Bara Faranjootaa 2016 balaa walfakkaatuun namoommi 16 du’uun isaaniin kan yaadatamuudha.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.