Fana: At a Speed of Life!

Iyyannoon Paartilee siyaasaa erga ilaallamee booda bu’aan filannoo kan ibsamu ta’a – Boordii Filannoo

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa haala Waliigalaa adeemsa filannoo marsaa 6ffaa hanga ammaa jiru ilaalchisee ibsa laateera.
Iyyannoon Paartilee siyaasaa erga ilaallamee booda bu’aan filannoo kan ibsamu ta’uu Boordichi ibseera.
Paartileen siyaasaa iyyaannoo hedduu dhiyeessuu itti gaafatamtuun Kominikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.
Boordiin filannoos iyyaannoo paartileen siyaasaa adeemsa sagalee laachuu fi sagalee lakkaa’uurratti dhiyeessan ilaalaa jiraachuu himaniiru.
Yaa ta’uutii iyyaannoon paartilee siyaasaa hedduun isaanii ulaagaalee iyyaannoo kan hin guunne ta’uu aadde Sooliyaanaan dubbataniiru.
Iyyaannoon paartilee siyaasaa erga ilaallamee booda bu’aan filannoo ni ifooma jedhaniiru.
Oromiyaan bu’aa sagalee naannolee filannoo 125 beeksiisuu eeraniiru.
Finfinneetti naannolee filannoo 10 qofatu bu’aa sagalee beeksiise jedhan.
Magaalaa Dirree Dawaatti buufataalee 6 irratti Mana Maree Naannoof sagaleen osoo hin laatamin hafuu eeraniiru.
Naannoo Kibbaatti adeemsi sagalee lakkaa’uu naannoo filannoo Qucaa akka adda citu Boordichi murteessuu himaniiru.
Sababa rakkoo nageenyaan adeemsi sagalee lakkaa’uu akka adda citu murtaa’uu Aadde Sooliyaanaan ibsaniiru.
Hordoffiin mirga namoomaa wayita filannoo akka hin taasiifamne Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hin dhorkine jedhan.
Hordoffii eeggumsa mirga namoomaa Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa wayita filannoo taasiisaa ture Boordichi kan dinqisiifatu ta’uu aadde Sooliyaanaan himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.