Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa sagalee laachuu filannoo bara kanaa keessatti eeggumsi mirga namoomaa milkaa’aa ture jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Adeemsa sagalee laachuu filannoo marsaa 6ffaa keessatti eeggumsi mirga namoomaa milkaa’aa turuu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiise.
Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa gabaasa hordoffii mirga namoomaa Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Komishinichi filannoo dura fi wayita filannoo haala eeggumsa mirga namoomaa hordofaa turuu Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan ibsaniiru.
Haalli yaada bilisaan ibsachuu, walitti qabamuu, hiriira nagaa taasiisuu, hirmaannaa dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi buqqaatootaa maal akka fakkaatu hordoffii taasiisaa turuu eereera.
Hordoffii taasiifamaa tureen iddoolee muraasatti hanqina eeggumsa mirga namoomaa muul’ateen ala harki caaluu sarbamni mirga namoomaa kan hin turree ta’uu Dooktar Daani’eel ibsaniiru.
Guyyaa filannoo eeggumsi mirga namoomaa rakkoo tokko malee karaa nagaan xummuramuu dubbataniiru
Yaa ta’uutii iddoolee tokko tokkootti guyyaa filannoo fi filannoo booda qaama hidhateen lubbuun namootaa darbuu fi miidhaan qaamaa qaqqabu Komishinichi ibseera.
Iddoolee tokko tokkotti ammoo Taajjabdootaa filannoo fi Gaazexeessitoorra dhamaatii fi burjaajiin qaqqabuu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.