Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Proojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Jigjigaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii Naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa Proojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Jigjigaa eegalchiisan.
Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 oliin kan hojjetamu Proojektiin marsaa 2ffaa Bidhaan Dhugaatii Magaalaa Jigjigaa kun waggaa 1 keessatti ijaarrame kan xumuramu ta’uu ibsameera.
Dhaabbata Ijaarsaa hojii Siiviilii Chaayinaatiin ijaarsi isaa gaggeeffama jedhame.
Baasiin Proojektichaa guutummaan guutuutti mootummaa naannichaan kan uwwifamu yoo ta’u, jiraattoota magaalichaa kuma dhibba 2 fi kuma 64 fi 356 fayyadamoo taasiisa jedhameera.
Proojektiin kun waggaa 10 dura ni hojjetama jedhamee karoorfamus hanga ammaatti hojiirraa osoo hin ooliin turuu Hogganaan Biiroo Bishaanii Naannoo Soomaalee obbo Abduurahimaan Ahimaad ibsuu Miidiyaan naannoo Soomaalee gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.