Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 380 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyya biyyaa deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa 380 Sa’uudi Arabiyaa magaalaa Riyaadirraa gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiileen deebi’an kunneen Buufata Xiyyaaraa Boolee idil-addunyaa wayita ga’an Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii fi Ministir Deettaan Ministeera Nageenyaa Aadde Fireealem Shibaabaaw simataniiru.
Kanneen amma ga’an dabalatee guyyaa har’aa lammiileen kumni 2 gara biyyaa kan deebi’an ta’uu ibsameera.
Mootummaan Ityoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaa waloon ta’uun lammiilee Ityoophiyaa iddoo tursaa garaagaraa keessatti argaman kuma 40 torbee lama keessatti gara biyyaa deebisuuf har’a hojiin eegalameera jedhame.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.